ADDA WALABUMMAA DIMOKRAATUMMAA OROMIYAA (AWDO)
FRONT FOR THE INDEPENDENCE DIMOCRATIC OROMIA (FIDO)
Guraandhala 2006
YAA JAAL GUYYAA HADHAA!
Yaa jaal guyyaa hadhaa, guyyaa gammachuu fi milkii, yaa angafa qabsoo Oromiyaa, ziqeehaa fi goota Oromiyaa, Abdii ummata Oromiyaa General Waaqoo Guutuu! Ka’kuu waliif seenne maaf cabsita! Oromiyaa bilisoomte, tan alaabaan Oromoo irratti lalistu wajji arkuuf ballama waliif hin seenne? Boosana biyya teenya bareeduu Oromiyaa keessatti dhagaa boraafannee, bofaa fi leenca qeyrensaa fi waraabeysa saalaa sattawwaa bineensa hiriyyaa godhannee, imaltuu qabsoo bilisummaa waliin bobbaa eegalle, osoo hin raaw’atin dabruun kee, OBBOLEYSOO! Kasaaraa hambaa hin qabne. Firaa fi aalii keetiif Waaqni guddaan Sabrii fi Iimaana haa kennu! Har’aantana Firaa fi Aaliin qabsoo Oromiyaa bilisoomsuuf horatte, kumaatama caala, nu hundi abjuu tee dhugoomsuuf dur irra caala cimina guddaan warraaquutuu nurra jira.
Maqaa miseensootaa fi hoggantoota ADDA WALABUMMAA DIMOKRAATUMMAA OROMIYAATIIN, Gadda keenya Ummata Oromiyaa fi miseensootaa, hoggantoota dhaaba ADDA TOKKICHUMMAA BILISUMMAA UMMATA OROMOO’f (ATBUO) dabarsaa, Daandii qabsoo bilisummaa Jaal Gerenal Waaqoo Guutuu eegale, bitaa-mirga, olii fi gad osoo hin jenne faaneyfannee isa jiraachisuu malee filmaata biroo hin qabnu. Hallettuu duuti waan hin oolle, Jeynummaa, arjummaa fi Sab-boonumaa Jaal general Waaqoo Guutuu, jechootaa fi oduun waan hin xumuramne. Kaayoo fi Akeeka Oromoo if irra ol aansitee, kabajaa fi mirga ilma Oromoo isa ilmaan Abashaa waan dhoysaa hin taane awwaaluuf ijibbaatan hamma dhuma jiruu teetii, hamilee guutuun saaxil baasuu keetiif seenaa Oromoo keysatti bikka ol aantummaa guddoo qabda.
Obboleysoo! Rabbi rahmata siif haa kennu!
Maayyii irratti;
Haluu, du’insa Jaal gerenal Waaqoo Guutuu, Oromiyaa bilisoomsuun baana.
Sooreysa Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa (AWDO)
Jaarraa Abbaa Gadaa